Prezidaantiin Itiyoophiyaa Keeniyaa Daawwatan

  • VOA

Prezidaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa Prezidaantii Itiyoophiyaa Saahilewerk Zewudee wajjin mari'atan

Prezidaantiin Itiyoophiyaa Saahilewerk Zewudee har’a Keeniyaa Keeniyaa daawwatanii jiran. Ennaa daawwannaa isaaniis prezidaantii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa waliin hariiroo biyyoota lamaanii ilaalchisee mari’ataniiru.

Prezidaantittiin Itiyoophiyaa kun har’a waaree irratti ture buufata xayyaaraa Joomoo Keeniyaataa kan ga’an. Ennaa gamas ga’anitti ministriin dhimmi alaa Keeniyaa Moonikaa Juumaa akkasumas Keeniyaatti ambaasaadderri Itiyoophiyaa Melles Alem angawoota mootummaa kanneen biroo waliin simannaa godhaniifii jiru.