Amerikaatti ganna dabre,2018 keessa ijoollee miliyona 3 fi kuma 800 caalaatti dhalate taatullee namii akka durii kaan wal horuutti hin jiru

  • VOA

Amerikaatti namii horuma horee miliyoona 328 caaluutti jira

Namii Amerikaa akka gabaasa mootummaa Federalaaatti akka durii kaan wal horuutti hin jiru.Tun ammoo waan ganna 30 keessatti arganii hin beenne.

Akka gabaasa CDC, Tohannaa Dhiba Jidduu Gala Amerikaatti bara 2018 Amerikaatti ijoollee miliyoona 3.8 dhlate.

Dhalootii kun ganna lamaan duratti harka lamaan gadi bu’ee.Namii ganna 15 haga 44 jidduu jiru kka qaraa kaan illeen ijoollee horuutti hin jiran jechuu.

Ijoollumaan ijoollee dhaluutti hin jiran jechuu.Haawwan ganna 30 haga 40 jidduu jiran ammoo diqqaattullee ijoollee horaa yaahuutti jiran.Namii Amerikaa haga henna Ammahii,2019tti 328,285,992.