Uummati Maalaawwii Prezidaantii Filachuuf Sagalee Kennee Jira

  • VOA

Faayilii - Prezidaanti Piiter bara 2014

Har’a uummati Maalaawii prezidaantii fi bakka bu’oota mana maree filachuuf sagalee kennaa oolan.

Prezidaantichi Piiter Mutaarikaa marsaa lammataaf kaadhimamaa ta’anii dhiyaataniiru.

Miliyoona 6.8 kan ta’u uummati Maalaawii kan umuriin waggaa 78 Mutaarikaa fi itti aanaa isaanii Saawloos Chiliimaa ykn lallabaa Wangeelaa duraanii Laazaarus Chaakweeraa keessaa tokko filachuuf jiru.

Warren boodanaa lamaan malaammaltummaa biyyattii dhuunfate dhabamsiisna jechuun waadaa seenan.

Prezidaant Mutaarikaan immoo ennaa duula filannoo geggeessan sagantaalee dinagdee fi misoomaa akka cimsan waadaa seenaniiru.

Itti aanaa prezidaant Chiliimaan paartii biyya bulchu keessaa waggaa darbe ba’uu dhaan uummata sagalee kennu keessaa walakkaa dhaa ol kan ta’e paartii dargaggootaa hundeessan.

Mormituu ijoon paartii kongiresii Maalaawii kan hoogganan Chaakweeraan waggoota shan dura filannoo geggeessameen Mutaarikaan xiqqoo dhaaf isaan injifatan.

Mutaarikaa dura kan turan prezidaant Jooyis Baandaa deggersa kennaniifii akka turan illee ni yaadatama.