Ajjeechaa Najjootti Baatii Lama Dura Raawwatameen Wal-qabatee Shakkamtoonni Lama To'annaa Jala Oolfaman

Aangawoonni Godinaalee Wallaggaa Lixaa fi Qellam Wallaggaa kan isaan 'ABO Shanee' ittiin jedhan - Waraanni Bilisummaa Oromoo caasaalee mootummaa fi namoota nagaa irratti gochaa suukanneessaa hamma ajjeechaatti raaw’ataa jira, jechuun balaaleffatan.

Najjootti, baatii lama dura, namoota nagaa qorannoo albuudaatti bobba’an irratti ajjeechaa raaw’atan namotoa lama akka qabatanii jiranillee dubbatu.

Ka maqaa “Jaal Marroo” jehdamuun beekaman - Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa Obbo Kumsaa Dirribaa immoo gama isaaniitiin, “WBO'n nama nagaa mitii, isuma hidhate irrattillee gochaa tahuu hin malle hin raaw’atu,” jedhuun, Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himan. Yoo Qaamni sadaffaa walaba tahe jidduu seenee mariisisee fi yoo mootummaan mirga WBOn qabsaa’uuf raaw’ate karaa nagaa gad tahanii mari'achuuf qophii tahuullee dubbatan.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Ajjeechaa Najjootti Baatii Lama Dura Raawwatameen Wal-qabatee Shakkamtoonni Lama To'annaa Jala Oolfaman