Your browser doesn’t support HTML5
Your browser doesn’t support HTML5
Dr., Abiy eegii biyya bulchuu jalqabe amma ganna tokko yaayyuu caale.Waan hujii isaa irratti waan hedduu VOAn wal dubbate.
Bara kanaa fi bara dabre walti ilaaluun nama dhibi jedha.“Demokirastiin hardhaa fi gaafasii waan hedduun gargar jirti.Gama miidiyaatiin,mala jireennaatiin biyya rakkoo hamtuu jirtutti amma mataa oli qabachuutti jira.”
Jireenna hardhaa fi kalee wal bira qabuu qofa adoo hin tahin boriif jiraachuu wayyaa jedha.
Akka jecha Dr Abiyitti hardhaa qilleensa nagaatti jira,namii ya foorfate.“Jireenna kana miila gadi dhaabanii akka innii nama cufa gahu guddisuutti asi aana.”
Itoophiyaa jiguu geette,waraanaatiin bultu bulchufu maanti onnee sii kenne jennaan…
“Dhugumaa itti gaafatama kana fudhachuuf waan nama sodaachisaatti jiraa jedha.Ha taatuutii ammoo...
“Ani wa sadii abadadhe.Tokko waaqa uumaa, namuu akkuma amanti ufiitit yaammatu turullee Itoophiyaa irraa hafaa jedhee hin herrgu.Ka lammeessoo biyya abadadhe.Namii biyya hin jibbaatu.Midhaaguma biyya ormaa keessa jiraattullee yaadaa fi qalbiin biyya te si jirti.Kun herrega kiyya qofaa hin sehu.Wanni sadeessoo ani abdadhe ammoo ummata.Keessattu namii ummataa Itoophiyaa irraa abdii hin kutatu.”
Akka Dr Abiy jedhutti egerillee waan kana sadeen irraa abdii qabaachaa deemaa jedha.
Gaafii maaf ammallee EHADEG qoftii biyya bulchitu jennaan fkn nama wal fuudheetiin deebii kenne.
“Fuudhii gammachuu fi jarjarsuu hedudu keessa dhufe maruma maree jaalalaa fi wal dandeetti warra wal fuudhee irratti hafa.”
Jijjiiramii miila gadi dhaabachuuf yoo warrii jijjiiramaan dhufe hujii durattiin nama deemtu hojjate qofa jedha.
Warrii wal fuudhe gaafa fuudha isaanii lakkoofsa nama dhufee heduu qofaa mitii mitii dhiphuu fi bal’inna hedduu keessa dabaranii yo fulaa jabduu gahan qofa fuudhii lubbuu bula jedha
Akka Dr.Abiy jedhetti jijjiirama biyyitii keessa jirtu namii cuftii qooda keessaa qabaachuun barbaachsaa.”Tana caala jabeessuu qamna.”
Bulchiinsa yuniverstii keessa paartileen mormituulleen hinuma jiran.
“Taatullee akka namuu jijjiirama keessaa qooda qabaatu wal mari’achaa,wal gaafachaa yaa’uutti caala.”