Kaartuum Keessatti Namoonni 13 Ajjeefaman

  • VOA

Magaalaa Kaartuum keessatti namoota iddoo tokko taa’uun torbanneeniif mormii gaggeessaa turan addaan facaasuuf waraanni mootummaa yaalii godheen yoo xiqqaate namnii 13 ajjefamuu ibsamee jira.

Wiixata har’a humnootiin nageenya naannoo mormiin itti gaggeeffamu kan ministrii ittisaa cina jiru keessa yeroo sosso’an dhohinsaa fi dhukaasnii meeshalee gurguddoo dhaga’amee jira.

Gareen Doktooroota sudaan akka jedhuutti namnii 13 ajjefamanii hedduun haala hamamaan mada’an.Namoonni ijaan argan akka jedhanti har’a waaree booda bakki taa’anii mormii dhageesisaa turan sana namnii tokko iyyu hin turre.

Haleellaan gaggeeffamu kanneen yakka hojjatan irratti kan fulleefate ta’u fi hiriirtoota mormii dhageesisan irratti akka hin ta’iin dubbi himaan kaawunsilii waraana Sudaan dubbatanii jiru.

Kaartuum keessa kan jiru embaasiin Amerikaa dhaamsa Twitarii irratti barreesseen haleellaa mormitoota irratti gaggeeffamu dhaabachuu qaba jedhe.

Kanneen hiriiran kun waraanni biyyatti aangoo sivilootatti akka kennu gaafatu.

Your browser doesn’t support HTML5

Mormii Sudaan Keessatti Geggeessameen Lubbuun Namaa Badee Jira