Barattoonni Yunivarsitii Debra Birhaan Mooraa Jeeqxan Jedhamuun Ari’ataman

  • VOA

Barattoota eebbaaf gidduutti kan geggeeffame dorgommiin kubbaa miillaa akka qoosaa walitti bu’iinsi jalqabe bifa gosummaa qabachuu dhaan nageenya Yunivarsitii Debra Birhaan jeeqee adeemsa baruu fi barsiisuu illee danqee jira.

Hedduunis mooraa gad dhiisanii gara maatii ofiitti deebi’uun himamee jira.

Barattoonni kun akka jedhanitti walitti bu’iinsi sun ka’uu isaa guyyaa lama dura galgala galgala eeggatanii kanneen dhakaa darbatantu turan. Jeequmsi kunis barttoonni injineriingi injifatamuu isaanii irraan ture jedhu. Kunis dirree kubbaa miillaa keessatti taphachiisaan dogoggorre hin dogoggorre ka jedhu irratti walitti bu’iinsi uumame gara kan gosaatti jijjiirame jedhu barttoonni.

Doormiiwwan ijoollee durbaa fi dhiiraa seenuu dhaan foddaa fi balbala cabsanii meeshaa saamuu isaanii illee barattoonni kanneen doormii keessa turre jedhan dubbataniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Barattoonni Yunivarsitii Debra Birhaan Mooraa Jeeqxan Jedhamuun Ari’ataman