Lakkoofsii Namoota Koleeraan Qabamanii Dabalaa Akka Jiru Ibsame

  • Jaallannee Gammadaa

Itiyoophiyaa keessatti namoonni dhukkuba Koleeraan qabaman kan duraan 366 ture amma 525 ga’u Institiyuutiin Fayyaa Hawaasa kan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Bulchiinsa naannoo Oromiyaa Godiina Harargee Dhiyaa aanaa Ciroo keessatti nama 58, aanaa Odaa Bultuum keessatti nama 125, Me’esso keessatti nama 20 akkasumas magaala Baddeessaa keessatti namnii 34 waluumaagala namoonni 236 Oromiyaa keessatti Koleeraan qabamuun gabaafamee jira.

Namnii lama dhukkuba Kanaan Oromiyaa keessaa du’uu isaanii instititiin fayyaa Itiyoophiyaa beeksisee jira.Godiina Wallaggaa Bahaa fi bulchiinsa naannoo Beneshaangul Gumuz dhukkuba Koleeraa irra walaba ta’uun gabaafamee jira.

Dhukkuba Koleeraa, haqqee fi baasaa arifachisaa ilaalchisee marii Dr Mootummaa Baqqalaa speshalistii wal’anssa keessoo qaamaa Hospitaala walii-galaa fi kooleejii fayyaa Adaamaa irraa ibsa kennan kutaa lammataa caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Lakkoofsii Namoota Koleeraan Qabamanii Dabalaa Akka Jiru Ibsame