Mohammad Morsii Du’an Boqotan

  • VOA

Prezdaantin Masrii duraanii Mohammad Morsii mana murtii keessatti du’an boqochuu isaanii Televiziyoonni mootummaa Masrii beeksisee jira.Morsiin jalqaba of-wallaalanii kan kufan yoo ta’u sana booda du’an.

Garee musliim Braazar hood keessatti aangawaa sadarkaa olaanaa kan turan Morsiin bara 2013 mormii guddaa uummata biraa isaan mudateen waraana biyyattiin aangoo irraa darbaman.

Filannoo prezidaantummaa bara 2012 gaggeeffame irratti dorgomuuf jecha dogoggoora hojjataniif Morsiin hidhaan waggaa 7 irratti muramee hidhaa keessa turan.