Itiyoophiyaan rakkoo siyaasa Sudaaniif gam kamiifuu utuu hin loogiin furmaataa fi deggersa kan gootu ta’u dubbii himaan ministeera haaja alaa Itiyoophiyaa Obbo Nabiyaat Geetaachoo ibsanii jiru.
Kunis fedhii uummata Sudaan irratti hundaa’uun akka ta’e ibsan. Jeeqama siyaasaa mudatee lammiwwan Sudaan karaa nagaan akka furatan gochuuf Itiyoophiyaan waamicha fi deggersa gochaa akka ture yaadachiisan.
Gumiin ministeeroota Igaad inni 68ffaa waxabajjii 19 bara 2019 jechuun Robii borii Finfinnee keessatti jalqabama.
Walgahiin kunis haala Sudaan kan yeroo ammaa fi dhimmi Sudaan kibbaa irratti kan fulleeffatu ta’uun beekamee jira.
Manni marii hojii rawwachiiftuu kan gamtaa Afrikaa Kamiisa iftaanii Waxabajjii 20 bara 2019 haala Sudaan keessa amma jiru irratti marii gaggeessuuf jira.
Gabaasa guutuu caqasaa
Your browser doesn’t support HTML5