Saayintistootii Labratoorii Qorannoo Addunyaa, International Space Station, Keessa Guyyaa 204 Hojjachaa BahanHardha Lafatti Deebi’an

Kazakhstan Russia Space Station

Labratoorii Qorannoo Saaynisii fi Teknooloojii Addunyaa International Space Station,ISS qorannoo gudinna saayinsii addunyaa qoratu.

Bara 1998 hawaa keessa qilleensa irratti jaaruu jalqaban gara bara 2028 hujii fixattee dulloomti jedhanii abdatan.Laabratooriin tun ISS, lafa irraa km 408. 773 fagaatti ulfinnii isii kg 419,725.

Addunyaa wal irra marsitee ogeeyyota itti wal jijjiirtee jaaruutti jiran.Warra hujii sun hojjatu rokkeettiin oli tokkosanii ganna tokkoo fi sun fa caalaa achi turan hujii hojjatan.Marsaan 59essoo Expedition 59 hardha lafatti deebi’an.

Hujii tana Amerikaa, Raashiyaa, Jappaan Awurooppaa fi Kanaadaatti waliin hojjachuutti jira.

Warrii Labratoorii tana keessaa hojjachaa bahe injineera Amerikaa dhaaba Amerikaa NASA keessa hojjattu Anne McClain of NASA, David Saint-Jacques Kanaadaa fi nama Raashiyaa Oleg Kononenko.

Rokkeettiin bara dabre jara kana achiin dabarte Soyuz MS-11 namii oofu injineerii Amerikaa Anne McClain.

Laabratooriin Addunyaa km 408 caalaa oli fagaatte jaarrachuutti jirtu ittuma jiran

​Warrii ganna ganna tokkoon dura achi dabre marsaa 59essoo hardha lafatti dacha’e.Biyya Kaazakistaan magaal Dzhezkazganitti bu’an. Jarii kun guyyaa 204 hujii sun irra ture.

Laabratootin sun metirii 726 bal’attii qilleensa keessa martii jarii kunilleen marroo 3,264 hawaa keessa maree hardha nagumaan gale.Jarii kun hujii hojjan tohacha,akka egerii nami achi dhaqee hojjatu wa qaqqajeelchaa ture.