Ajaja Roomaa Diduudhaan Dooniin Koolu Galtoota Bishaan Xaaliyaaniitti Seente

  • VOA

Dooniin gargaarsaa ka Jarmanii koolu galtoota 42 kanneen andaara Liibiyaatti baraaraman baattee turte Roomaa biraa ajaji akka gamasitti hin ceene kennamus diduu dhaan bishaan xaaliyaanii seentee jiti.

Roobii kaleessaa galgala doonittiin odola Lam-peduusaatti dhaabsisamte.

Kaapiteeniin doonittii Carola Rakete akka jedhanitti angawoonni xaaliyaanii dhufanii eeyama doonittii erga gaafatanii booda hojjettoonni paasspoortii qabaachuu isaanii ilaalan. Amma maal ta’uuf akka jiru hoogganoota isaanii irraa qajeelfama eegaa jiru, kanneen baraaraman kana ni simatu jedheen abdadha jedhan.