Wallagga Bahaatti Bakka-bu’aan KFO Komaand Poostiin Qabamuun Himame

Bakka-bu’aan Koongiresa Federaalawa Oromoo, ka Wallagga Bahaa – Obbo Fiqaaduu Ayyaanaa, turban dabre Komaand Poostiin qabamuu maaatiin isaanii fi miseensonni Koree Hoji-raaw’achiistuu paartichaa VOA-tti himanii jiran.

Hakiimonni Hospitaala Ispeeshaaliizidii Naqamtee lamaa fi Abbaan kilinika dhuunfaa ‘Yoomiyyuu Dhugaasaa Kilinik’ jedhamuu qabamuunis himamee jira.

Walumaagalatti namoonni 60 tahan, magaalaa Naqamtee, mooraa Masaraa Kumsaa Morodaa keessatti akka hidhamanii jiranii fi haga ammaatti qaamni seeratti isaan dhiheesse akka hin jirre, dubbatu maatii fi waahiloonni isaanii. Aangawoonni mootummaa sadarkaa adda addaa irra jiran immoo dhimmicha hin beeknu, jedhu.

Gabaasaa guutu caqasaa