Gocha Seeraan Alaa irratti Mootummaan Tarkaanfii Fudhatu Cimsuuf Jira: Dr. Biraanuu Naggaa

  • VOA

Ibsi muummicha ministeeraa Abiy Ahimed kan guyyaa kaleessaa inni ijoon mootummaan isaanii adeemsa seeraan alaa irratti tarkaanfii cimaa fudhachuu jalqabuu isaa kan mul’isu jechuu dhaan hoogganaan garee mormituu dubbatan.

Dura taa’aan paartii IZEMA jedhu Dr. Biraanuu Naggaa hoogganoota garee mormituu keessummummaan afeeramanii paarlaamaatti argamuun marii kaleessaa hordofan keessaa tokko turan.

Ibsi muummicha ministeeraa Abiy jedhan Dr. Biraanuun mootummaan tarkaanfii seeraa fudhachuu jalqabee fi itti fufiinsaanis fudhachuuf kan yaade kan itti mul’ate ta’uu kan amanan ta’uu dubbatan.