Lammiwwan Itiyoophiya Poolisii Keeniyaatiin Qabamanii Dhadhaab Keessatti Gatamanii Turan Gara Biyyaa Deebi'uuf Gaafatan

Lammiwwan Itiyoophiya kanneen poolisii Keeniyaatiin qabamanii mooraa baqattootaa Dhadhaab keessatti gatamanii turan gara biyya isaaniitti deebi’uuf gaafatan.

Namoonni kun daangaa Keeniyaatti seenuu isaanii baatii kudhan dursee hidhamuu isaanii fi eega Keeniyaa seenanii booda mana-murtiitti Waajiritti dhihaatanii akka biyya irraa dhufanitti deebisaman itti muramuu eeran.

Garuu, poolisiin Keeniyaa gara biyya isaaniitti deebisuu irra mooraa baqattootaa Dhadhaab keessatti akka isaan gate dubbatan.

Your browser doesn’t support HTML5

Lammiwwan Itiyoophiya Poolisii Keeniyaatiin Qabamanii Dhadhaab Keessatti Gatamanii Turan Gara Biyyaa Deebi'uuf Gaafatan