FINFINNEE —
Namoonnni “hidhattoota ABO” waliin quunnamtii qabdu, jedhamuun qabamne, jedhanii fi maqaa leenjiittin mooraa Sanqalleetti akka ugguramanii jiran dubbatan, kalessaa irraa jalqabanii akka nyaata lagataa jiran Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himan.
“Gaffii tokko malee ji'a tokkoo oliif mooraa leenjii kana keessatti dararamaa jirra,” ka jedhan – namoonni kun, namoonni mooraa sana keessatti hidhamanii jiran kuma afur akka tahanii fi hiriirfamuu malee leenjiin iaaniif kenname akka hin jirretti dubbatu. Biiroon Bulichinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa immoo, mooraa Sanqallee keessatti namni nyaata lagate hin jiru, jedha.
Gabaasaa guutuu caqasaa
Your browser doesn’t support HTML5