Maallaqnii Misoomaaf Oolu Maqalee Keessatti Walitti Qabamee Jira

  • VOA

Dilbata kaleessaa Hagayya 21 bara 2019 magaalaa Maqalee keessatti gama Teletoniin maallaqa galii ta’u walitti qabuuf sirna gaggeeffameen qarshii biyyaa walakkaa miliyoonaa caalaa misoom Tigraayiif kennuuf waadaa seenamee jira.

Mootummaan Tigraay uummata biraa deggersa maallaqaa gaafateen sagantaa kana abbootii qabeenyaa fi daldaltootatu walitti qabe.

Kunis naannolee biyyatti adda addaa keessaa kannen godaanan dhalattoota Tigraay kuma 100 fi kuma 9 deebisanii dhaabuuf akkasumas nageenyaa naannoo Tigraay eegsisuuf jecha uummata Tigraay biraa mootummaan gargaarsa gaafachuun isaa ni yaadatama.