Prezidaantiin Tuuniiziyaa Beejii Kaayid Isibs, umurii isaanii waggaa 92tti du’aan boqotan

Wajjirri prezidaantummaa Tuuniiziyaa akka beeksisetti, prezidaantichi halkan dabre wal’aansaaf gara Hospitaala Waraanaa magaalaa Tuuniis jiru eega geessamanii booda, har’a boqotan.

Jabaa dhukkubsatanii, dhuma baatii dabree irras wal’aanamanii turan.

Essebsi prezidaantii yeroo duraatiif Tuuniiziyaa keessatti filannoo dimookiraasummaan filatamanii fi Habiib Borgiibaa, hundeessaa biyyattii akka abbaa biyyattiitti ilaalamaniif dhaaltuu Gonfoo ti.

Bara 2014, yeroo warraaqsi biyyoota Arabaa – prezidaantii abbaa irree biyyattii – Zinee El Abiyyiin Ben Alii taayitaa irraa buusaman, prezidaantummaatti filataman.