Qorannaan Naannoo Ummattoota Kibbaa Ilaalchisee Geggeessame Xumurame

  • VOA

Naannoo sabaa fi samblammoota ummatoota kibbaatti paartiin taayitaa mootummaa harkaa qabu sochiin dimokraasummaa ummattoota Itiyoophiyaa kibbaa kora geggeessaa ture kaleessa xumuratee jira.

Zooniiwwan naannoo uummattoota kibbaa keessa jiran 13 naannoo ta’uu akka barbaadan gaaffii dhiyeessanii jiran.

Paartiin dhaabbata uummattoota gama kibbaa immoo garee dhimma kana ilaalchisuun qorannaa geggeessu hundeessee gareen kunis ba’ii qorannaa isaa beeksisee jira. Filmaata duraa ti jechuun kan gareen kun kaa’e keessaa naannoon kibbaa haala amma jiruun tokkummaa isaa eeggatee naannoo dhuma tokko ta’ee itti fufuun filmaata wayyaawaa dha jedhee jira.

Filmaanni lammataa immoo naannoleen lamaa fi lamaa ol ta’an akka uumamanii fi kaan immoo gaaffii jiru yeroof tursuu kan jedhu ture.

Your browser doesn’t support HTML5

Qorannaan Naannoo Ummattoota Kibbaa Ilaalchisee Geggeessame Xumurame