Ajjechaa Dhaabuuf Tarkaanfii Hatattamaa Fudhanna: prezidaant Traamp

  • VOA

Ajjechaa Yunaaytid Isteets keessatti gidduu kana gaggeeffame kan ilaaleen prezidaant Donaald Traamp hasawaa dhageesisaniin rakkoo kana furuuf hatattaaan tarkaanfii fudhanna jechuun dhaadatan.

Olaantummaa warra adii kan balaaleeffatan Traamp yeroo qawween gurguramu duddubbeeN seenaa nama bitatuu qoratamuu qaba jedhan.

Garu Traamp seerri gurgurtaa qawwee ittisu hojii irra haa ooluu yaada jedhu hin deggeriin hafuun kanneen seerri akkasii hojii irra akka oluuf qbsa’aa jiran mufachisee jira.

Ammaan dura lammiwwan biyya alaa kanneen Amerikaa keessa jiraatan keessumaa kan biyya Meeksikoo irraa dhufantu badii dhaqqabsiisaa jira jechuun Traamp waan dubbataniif jecha qeeqa hamaa irratti dhiyaataa kan turee ta’uus Traamp deebii hin laanne.

Prezidaant Traamp haasawaa kana kan dhageesisan Wiixata Hgayya 5 bara 2019 Waayit Haawus irraa yoo ta’u kunis Amerikaa keessa adda addummaa sa’atii 13n bakka lamatti haleellaa namoonni dhunfaan gaggeessaniin yoo xiqqaate nama 31 eega ajjeesanii hedduu madeesanii booda.