Prezidaant Traamp Godinoota Namoonni Itti Ajjeefaman Yeroo Daawwatanitti Mormiin Isaan Muudateera

  • VOA

Protestors gather around a baby Trump balloon to voice their rally against gun violence and a visit from U.S. President Donald Trump following a mass shooting in Dayton, Ohio, U.S. August 7, 2019.

Prezidaantiin Amerikaa Donaald Traamp haadha warraa isaanii waliin kaleessa kutaalee Ohaayoo fi Teksaas keessatti namoota haleellaa gaggeeffameen mada’anii Hospiitaala seenan daw’atanii jiru.

Traamp lafa namoonni 31 itti ajjeefaman kan Daytan fi suqii Walmart jedhamu kan El paso irraa fagaatanii turan.Iddoo lameenti Robii kaleessaa hiriirtonni daw’annaaTraamp kana morman walitti qabamanii turan. Mufannaan isaaniis seerri qawwee to’atu haa ba’u jechuun gaafataa turan.

Traamp Naannoo Namoonni Itti Ajjeefaman Daawwataa Jiru

Kanneen Traampiin deggerans iddoo lamaanti mul’atanii turan.

Magaalaa daangaa Teeksaas irratti argamtu El Pasoo keessatti hidhataan namoota 22 kan ajjeesee yoo ta’u hedduu immo madeessee jira.

Namoonni siyaasaa iddoo sanatti argaman prezidaant Traamp qeeqaa turan.