ISIS Somaaliyaa Ergaa Jihaadaa Afaan Amaaraan Dabarse

  • VOA

Alaabaa ISIS

Gareen finxaaleyyii IS kan Somaliya keessaa ergaa jihaadaa afaan Amaaraan akka baasuu kunis biyya hollaa Itiyoophiyaa keessaa hordoftoota filachuu irratti kan fuuleffate ta’uun beekameera.

Labsiin kun kan dhaga’ame ergaa viidiyoo daqiiqaa sadii baatii darbe marsariitii IS irratti maxxanfamee fi miidiyaa IS kan sirnaan mirkanaa’ee booda.

Ergaan viidiyoo sanaa dhaadannoo IS beekamaa Afaan Amaaraan yoo ta’u IS viidiyoo itti dabalaa maxxansuuf kan jiru ta’uu ibse.

Waaltaa qorannaa Keeniyaa keessa maadheffate Sahan-tti xiinxalaa dhimmootii Afriikaa kan ta’an Matt Bryden, IS rakkoo gosaa fi jeeqama siyaasa biyyattiitti fayyadamuu dhaan hawaasa musliima Itiyoophiyaa daqqabuuf yaala jedhan. Waajjira muummicha ministeera Itiyoophiyaa biraa deebii argachuuf yaaliin godhame hin milkoofne.