Hojiin Warqee Baasuu Jalqabamuuf Jira: Angawaa

Suuqii Warqee (Suuraa faayilii)

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Ganjiitti Invastimantiin oomisha Warqee Doolaara Ameerika miliyoona 2miliyoona 18 ol tahu hojii eegaluufi jedhan Bulchaan Godinichaa Obbo Eliyaas Uummataa.

Piroojektiin kun ji’oota sadii booda hojii yeroo eegalu Namoota baratanii fi hin baratin Kuma 10 caalaniif carraa hojii uuma jedhan.

Carraa kanaan Aanichi ammoo bu’uuraaleen misoomaa garaagaraa ni ijaaramaa jiru jedhan.

Waliigalteen Kaampaanii Mootummaa Ingilizii KEEFI jedhamuu fi Itoophiyaa jidduutti mallattaa’een gaheen biyyattii dhibbantaa 25 qofaa tahuus himaniiru:

Naakoor Malkaa gabaasa qaba

Your browser doesn’t support HTML5

Hojiin Warqee Baasuu Jalqabamuuf Jira: Angawaa