Doonii Ulaa Galaana Liibiyaatti Dhidhimteen Lubbuun Namaa Dhabame

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutu caqasaa

Jaarmayaan dhimma baqattootaa, ka Tokkummaa Mootummootaa Kaleessa ganama, magaalaa Tiriippoolii irraa gama Bahaatti, Kiiloo meetira dhiba tokko kan fagaattu – ulaa galaanaa, ka handaara magaalaa Al Khoms tti doonii godaantota fe’atee dhidhimeen, namoonni gara afutamaa tahan nyaatamuu beeksisee jira.

Namoonni 60 ta’an waardiyyoota andaara galaana Liibiyaa fi namoota qurxummii qabaniin baraaramuu jarmyaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa beeksiseera.

Dubbi himaan jarmayaa baqattoota kan tokummaa mootummootaa Charlii Yaakslee VOAf akka ibsanitti UNHCR fi jaarmoliin ka biroon gargaarsa namoomaa fi gorsa yaada sammuu fi hawaasummaa kanneen miidhaan irra ga’ee baraaramaniif kennaa jiran.