‘Ammas Humni Nageenya Mootummaa Miidhaa Nurraan Gahaa Jira’ Jiraattota Godinaalee Gujii

Faayilii -Miseensota waraana Itoophiyaa, Finfinnee

Ammas Gujii lameen keessa ka jiraatan jiraattonni humni mootummaa yoo nageenya kabachiisu jiraattotarraan balaa geessisaa jiraa jechuun komatu. Kanaanis lubbuun namaa darbaa akka jiru, namni hedduunis hidhamaa jiraa jedhu jiraattonni yaada isaanii VOA’f kennan.

Your browser doesn’t support HTML5

‘Ammas Humni Nageenya Mootummaa Miidhaa Nurraan Gahaa Jira’ Jiraattota Godinaalee Gujii

Jiraattonni Godinalee Gujii ammas humni naga kabachiiftota mootummaa jiraattota irraan balaa dhaqqabsiisaa jiruu jechuun himatan. Jiraattonni yaada isaanii VOA’f kennan dhuma ji’a Hagayya darbe kanaa humni Raayya ittisaa Malkaa Sooddaattii nama afur ajjeesuu himanii kaan ammoo ammas hedduun hidhaa akka jiran dubbatan. Bulchiinsi Gujii Lixaa deebii kennee jiraa.