Ripaablikaanonni Filannoo Addaa Kan Kutaa Noorz Karolaayinaa Injifatan

  • VOA

Filannoo haddaa paartilee Ameerikaa beekamoon itti dhiyeenyaan hordofamaa tureen ripaablikaantichi Daan Bishoop barcuma mana marii bakka bu’otaaf dorgoman hamma xiqqoof injifatanii jiran.

Biishoop kaadhimamaa dimokraaticha Daan Makreedii sgalee dhibba irraa harka 51 fi 49n injjifatan.

Filannoo waggaa dhuftu geggeessamuuf mallattoo barbaachisaa ta’uu isaa ibsuuf prezidaant Taraampp fi itti aana prezidaant Maayik Peens jala bultii filannoo sanaa deggersa Biishooppiif kutaa Noorz Kaarolaayinaa keessatti lamaanuu duula geggeessanii jiran.

Tramp Ripaablikaanonni filannoo addaa ka biroo Noorz Kaarolaayinaa keessatti injifachuu isaaniitti gammadanii jiran.

Paartii Ripaablikaaniif kun galgala guddaa dha, baga gammaddan jedhan.

Dimokraatonni filannoo bara 2018 geggeessame injifachuun mana murtii bakka bu’oota uummataa dhuunfatanii jiru.