‘Karaa Guddaan Ala Daandiin Itiyoophiyaa fi Keeniyaa Wal Qunnamsiisu Cufaadha’ Jiraattota Mooyyalee

Mallattoo Daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa {Suuraa Rooyters}

Daandiiwwanii kun wal dubbii bulchiinsa mootummoolee lameen male raawwatee jedhu Hoogganaan Biiroo Daldalaa Aana Mooyyale

Torbeen dura, mootummaan Keeniyaa daandii guddaa Mooyyalee ka Itiyoophiyaan wal qunnamsiisuun ala kan jiran daandilee lafoo kaaniin daldalli dhorkamuu ka beeksise.

Your browser doesn’t support HTML5

‘Karaa Guddaan Ala Daandiin Itiyoophiyaa fi Keeniyaa Wal Qunnamsiisu Cufaadha’ Jiraattota Mooyyalee

Mootummaan Keeniyaa dhimma nageenya to’achuun dabalata, daldala seeraan alaa naannootti ballate jedhe to’achuufan murtee kana fudhee jedhe. Waajjirri Dhimma galii keessoo biyyattii daandiin guddaan gibira itti kaffalan jiraatus daldaltoonni karaa kana dhiisuun biyyattii guyyaatti gara doolaara kuma soddomaa kisaarsaa jiru jedhe.

Garuu jiraattonni murteen mootummaa keeniyaa fudhate kun miidhaa nurraan gaha jedhu. Jiraataan Mooyyale yaada isaanii VOA’f kennan tokko meeshaaleen daandiiwwan dhoggaman kanaan darban kan qaraxaaf gahan mitii jechuun dubbatan.

Akka jiraatan kun jedhanitti daandiin gama gulad jirus ni cufama jedhamus sun haga yoonaa banaadha jedhan.

Obbo Diida Waariyoo hoogganaa waajjira daldalaa aanaa mooyyaleeti tarkaanfii kana bulchiinsi Mooyyalee gama Itiyoophiyaa jiru quba hin qabu jedhu.

Obbo Diidi dabalanii, gama guladiin daandiin jiru banaa waan ta’eef murteen kun ammoo daldaltoota waantota xixiqqaa daldalan waan miidhuuf mootummaan keeniyaa akka keessa deebi’ee ilaallu gaafachuuf jirraa jedhu.

Akka obbo Diidatti omishootni daandilee cufaman jedhaman kanaan daddarban omishaalee, qaraxaf hin geenyedha, mootummaan Keeniyaa garuu, nageenyaaf jecha, darbees galii biyyaaf argamsiisuuf jechas warri asiin dabru kun dhaabbachuu qaba jedha.