Shaakala Itiyoophiyaa xiqqeessuu ijoollee keenya hin dhaalsisnu: Dr. Abiyyi

  • VOA

Dr. Abiyyi Ahimad, Boongaatti haasaha yeroo godhan

Shaakala Itiyoophiyaa xiqqeessuu ijoollee keenya hin dhaalsisnu. Itiyoophiyaan biyya sabaaa fi sab-lammoota hedduu, biyya hordoftoota amantiilee adda addaa ti, ka jedhan – Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Dr. Abiyyi Ahimed, mootummaan isaanii hundinuu waliigalteen akka jiraatu kan hojjetu tahuu ibsan.

Your browser doesn’t support HTML5

Shaakala Itiyoophiyaa xiqqeessuu ijoollee keenya hin dhaalsisnu: Dr. Abiyyi

Naannoo Uummatatoota Kibbaa, godinaa Kafaa, magaalaa Boongaatti argamuudhaan jiraattota waliin kan marii geggeessan – muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa kun, waa’ee bulchiisa naannoo akka haaraatti ijaarrachuu ilaalchisee gaaffiileen naannoo sanatti ka’aa jiran, waliin dubbii fi marii gad-fagoo geggeessamuu booda deebii argachuu akka danda’an dubbatan.