Hidhamtoota Gad Lakkifaman, Komeelee Dhihaatanii fi Deebii Koomishinii Poolisii Oromiyaa

Mana Hidhaa masaraa Kumsaa Morodaa keessaa, Naqamtee

Magaalaa Naqamtee ka jiru mooraa Masaraa Kumsaa Morodaa keessatti fi bakkawwan birootti namootni eega  hidhamanii baatiileen sadii ka dabran tahun hanga ammaatti mana murtiitti dhiyaachuu dhabuun isaanii kan isaan yaaddesse tahuu  maatii hidhamtootaa keessa hagi tokko dubbatanii jiran.

Gama biraan hidhamtoonni lakkoobsi isaanii hin himamiin torbanuma kana keessa gad-lakkifamuun beekamee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Hidhamtoota Gad Lakkifaman, Komeelee Dhihaatanii fi Deebii Koomishinii Poolisii Oromiyaa

Haaluma wal-fakkaataan Godinaa Horroo-Guduruu Wallaggaa, aanaa Amuruutti namoonni hidhamuu jiraattonni hagi tokko himanii jiran. Bulchaan Aanichaa, Namootni hidhaman akka hiikaman murtaa'ee jira, jedhu.

Gama biraan namoonni yaroo adda addaatti “Leenjii haaroomsaa” jedhuun Mooraa Leenjii Poolisii Sanqalleetti walitti qabamaa turan keessa hagi tokko gadi dhiifamuun himamee jira. "Yeroo achi turretti hidhaa malee leenjii tokko hin argine” jedhu – kanneen gad-lakkifaman keessaa hagi tokko.

Lameen irrattiyyuu, deebii argachuuf Koomishinara Koomishinii poolisii Oromiyaa haasofsiisnee jirra.