Gammachuu Gaaromsaa Miliquu Yaallaan Dhukaasa Itti Banameen Lubbuun Isaa Darbe: Qaamni Mootummaa

Dargaggoo Gammachuu Gaaroomsaa qaamolee nageenyaa mootummatiin harka isaa duubatti hidhamee erga dararamaa turee booda ajjeefamee. Suuraan kun Feesbuukii irraa fudhatame.

Dargaggoo Gammachuu Gaaroomsaa Godinaa Wallagga Lixaa Aanaa Ayiraattii qaamolee nageenyaa mootummatiin harka isaa duubatti hidhamee erga dararamaa turee booda ajjeefamee gatamuu isaa Obbollessi dargaggoo du’e kanaa VOAtti himee jira.

Bulchiinsaaf Nageenyi aanaa Ayiraa gama isaatiin dargaggoo Gammachuun to’annaa qaama seera jala oole turuu isaa ibse, garuu yaroo miliquuf yaalu tarkaanfii fudhatameen lubbuun isaa darbe, jedha.

Your browser doesn’t support HTML5

Gammachuu Gaaromsaa Miliquu Yaallaan Dhukaasa Itti Banameen Lubbuun Isaa Darbe: Qaamni Mootummaa