"Addunyaan Nu Birmachuu Qaba"

  • VOA

(Suuraa faayilii)

Gaanaa keessatti haleellaa Dubartootaa fi Shamarran irra ga’aa jiruuf itti gaafatamummaan dhabamuu mormuun magaalaa galama mootummaa kan taate Akraa keessatti har’a qabsaa’onni hiriiranii jiru.

Qabsaa’onni mirga dubartootaa akka jedhanti mirga dubartoota humnaan gudeedamnii eegsisuuf akkasumas kanneen gocha kana gaggeessan itti gaafatamoo gochuuf sadarkaa addunyaatti sagalee dhagesisuu qabna jedhan.

Kanaaf Gaanaan kan qabsooftu ta’u agarsisuuf jecha mata duree moggaafama “Gaanaa Mii tuu “ jedhuun hiriiran.

Kanas kan qindeessan sabaa himaa hawaasaa gargaaramuun ta’u hubachisanii jiru.