Hiyyumnii Rwaandaa Keessaa Falmisiisaa Ta’eera

  • VOA

Rwaandaa keessatti sadarkaa hiyyumnii irra jiru kan ilaaleen falmiin gaggeeffamaa jira. Mootummaan hiyyumnii haala hin eegaminiin gad bu’e jira kan jedhu yoo ta’u uummanni garu rakkoo guddaa keessa jira.

Mootummaan akka jedhutti sadarkaan hiyyumaa kan bara 2007 keessa harka 60 ture waggaa 10 booda jechuun bara 2017 keessa gara harka 34tti gad bu’e.

Garuu gaazexaan Finaanshiyaal Taayims akka gabaaseetti maqaa prezidaant paul Kagaamee ol kaasuuf jecha mootummaan sadarkaa hiyyuma biyyatti keessaa gad bu’u isaa agarsiiu ka’an.

Kagaameen garu gabaasa Finaanshiyaal Taayims fudhatama dhabsiisan.

Duguugamiinsa sanyii bara 1994 booda Rwaandaan foyya’iinsa gaarii agarsisuu ishee kan ibsan hayyuun waa’ee dinagdee kan Baankii Addunyaaf hojjatan waggootii darban 20 keessatti guddinni argame harka 7 ta’u ibsan.Garu biyyattiin waan heddduu hojjachuutu irraa eegama jedhu.Bara 2014 hanga 2017 hiyyuuma hanqisuuf carraaqiin godhame xiqqoo ta’u ibsan.