Miseensi Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajjeechaa Gullisootti Raaw’atametti Shakkame To’atamee Qoratamaa Jira, Qaamni Mootummaa

“Miseensi Raayyaa Ittisa Biyyaa gochaa kanaan shakkame to’atamee qoratamaa jira”

Godina Wallagga Lixaa, magaalaa Gullisootti gaafa Damaraa miseensi Raayyaa Ittisa Biyyaa tokko namoota lama ajjeesee, tokko madeesse, jedhan maatii fi jiraattotni. Gochaan ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwatu dhaabbachuu qabas jedhanii jiru.

“Miseensi Raayyaa Ittisa Biyyaa gochaa kanaan shakkame to’atamee qoratamaa jira” jedhan bulchaan aanichaa.

Itti Gaafatamaan Waajjira Nageenyaa godinaa Wallagga Lixaa gama isaaniin “gochaan kun gochaa namni dhuunfaa naamusa dhablummaan raawwate,” jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Miseensi Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajjeechaa Gullisootti Raaw’atametti Shakkame To’atamee Qoratamaa Jira, Qaamni Mootummaa