‘Oromoonni Biyyana Jiraatan Sichi Kabaja Ayyaana Irrecha Naayroobii Ofitti Fudhachuu Qabu’ – Baqattoota Oromoo Keeniyaa Jiraatan 

Ganna sagal dura baqattoota Oromoo Keeniyaa jiraataniin ka jalqabame kabaji ayyaana Irreechaa, Sambata kaleessaa, Magaala Naayroobii bakka ‘City Park’ Laga Qamalee jedhamutti miseensota hawaasa baqattoota Oromoo Naayroobii jiraatani fi lammilee Keeniyaatin kabajamee oolera.

Baqattoonni, duraan Naayroobitti Irreecha kabajuun rakkisaa akka ture himanii, amma garuu walabummaan ayyaana kana kabajuuf ganna darbee as gaarii tahuu dubbatu.

Irrecha Naayroobii

Haylee Fullaasaa; miseensi koree qindeessitoota Ayyaana Irreecha Naayroobii ‘dhiyeenyaa as kana haalli kabaja ayyaana kanaa keessumaa ganna darbee as fooyya’aa dhufuu himee, lakkoofsi baqattoota Naayroobiin keessa jiraatanii hirrataa waan dhufeef lammileen biyyanaa Ayyaana kana ofitti fudhachuu qabu jechuun dubbate.

Irrecha Naayroobii

Lammileen Keeniyaa keessumaa dhalattoonni ilmaan Oromoo Booranaa Ayyaana kanarratti hirmaatan ayyaanni kun itti fufuu qaba jedhan. Abbaa Malkaa ta’anii ireessa harraa ka gaggeessan Liiban Halakee sichi ayyaana kana nu warra lafa kana jirutu kabaja jechuun dubbataniiru.

Ayyaana Harra Laga Qamalee ‘City Park’tti baqattoonni dhibbootaan lakkaa’aman irratti hirmaatanii jiru.