Waa’ee Tasgabbii Dhabuu Oromiyaa Lixaa Akka Furmaanni Barbaadamu Hayyuu fi Dargaggoonni Hagi Tokku Gaafatan  

Faayilii - Magaala Naqamtee

Maddi rakkoo tasgabbii dhabuu Oromiyaa Lixaa inni guddaan waraana mootummaa fi qaama hidhatee socho’u, WBO gidduutti deemu waan taheef karaa itti rakkoon furamu barbaadamuu qaba, jedhu Dargaggootni Magaalaa Naqamtee VOAf yaada isaanii kennan hagi tokko.

Barsiisaan Gaazexessummaa fi Komunikeeshinii Yunivarsiitii Amboo Gargaaraa Piroofesaraa Daannoo Indaaluus “Nageenyi gar-tokkeen waan hin jirreef rakkoon tasgabbii mullatu akka rakkoo guutummaa Oromiyaatti ilaalamee akkaataa dantaa fi egeree Oromoo kabachiisuu danda’utti furamuu qaba,” jedhu.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Waa’ee Tasgabbii Dhabuu Oromiyaa Lixaa Akka Furmaanni Barbaadamu Hayyuu fi Dargaggoonni Hagi Tokku Gaafatan