Qilleensi Abdii Bubbisaa Akka Jiru Irra Deddebi’ee Dubbataan Ture:Antoniyoo Gutareesh

  • Tuujubee Horaa

Guutuummaa Afrikaa keessatti yeroo kamiin iyyuu caalaa qilleensi abdii bubbisaa akka jiru irra deddebi’ee dubbachaan ture kan jedhan barreessaa dureen tokkummaa mootummotaa Antoniyoo Gutareesh kanaafis sababaalee ijoo jiran keessaa mummichi ministeera Abiyyi Ahimad tokko.

Mul’ati Dr. Abiyyi qaban Itiyoophiyaa fi Ertraan hariiroo seena-qabeessa akka qabaatan gargaaree jira jedhan.Waggaa darbe biyyonni lameen waliigaltee nageenyaa ennaa mallatteessa ijaan arguun koo anaaf kabajaa guddaa dha.

Waan guddaan akkasii hojjatamuun kutaa sana keessatti carraan nagaa fi tasgabii akka argamuuf karaa saaqe kan jedhan barreessaa dureen tokkummaa mootummotaa hoggansi Dr Abiyyi kanneen Afrikaa keessaa bira darbee kanneen biroofis fakkeenya gaarii ta’e jedhan. Kunis dura-dhaabannaa darbe dhiisanii uummataaf iddoo duraa kennuu isa jedhu hubachiise jedha.