Waltajjiin Qulqullina Bunaarratti Mari’atu Sanbata Darbe Naqamteetti Adeemsifame

Waltajjiin Qulqullina Bunaarratti mari’atu Sanbata darbe Naqamteetti adeemsifame

Qulqullina Buna eegsisuun Fayyadamummaa Qonnaan Bultoota Buna Oomishanii fooyyessuu akkasumas sharafa alaa gaarii argachuu irratti mariin xiyyeeffate magaalaa Naqamtee keessatti torban dabree guyyaa sadiif gaggeeffamee jira.

Kan walgahii kana irratti hirmaatan Itti aanaan Pireezidaantii Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimalis Abdiisaa ”waldaalee misooma buna irratti hojjataniif / birrii biliyoona 15 ol kennuuf karoorfamuu” dubbatan.

Oomishtoonni Qulqullina bunaa eegun barbaachisaa ta’u Obbo Shimallis Abdisaa dhaamanii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Waltajjiin Qulqullina Bunaarratti Mari’atu Sanbata Darbe Naqamteetti Adeemsifame