Oromiyaa Keessatti Tasgabiin Akka Bu’u Gaafatamee Jira

  • Jaallannee Gammadaa

Hogganoonni Gaaddisa Hoggansa Oromoo, abbootiin amantii fi maanguddonni haala Oromiyaa keessa yeroo ammaa jiru kan ilaaleen har’a ibsa kennanii jiru.

Ibsii kunis Oromiyaa keessatti mormiin guyyaaa lamaaf gaggeeffamee keessatti tasgabbiin akka bu'u akkasumas ummannis jireenya isaatti idileetti akka deebi'u waamicha dabarsee jira.

Ummanni Oromoo nageenya naannoo fi saboota isa waliin jiraatanii akka tiksu gaafatamee jira.

Oromoon hiriira gaggeessu akkuma isa kan irrechaa sana karaa nagaan gaggeessuun addunyaaf fakkeenya ta’u qaba jedhan Qasiis Balaay.

Rakkoo uumamee kana furuuf carraaqqii ta’e kan ilaaleen Qasiis Balaay Makonnen ibsa kennanii jiru.

Gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Oromiyaa Keessatti Tasgabiin Akka Bu’u Gaafatamee Jira