Rakkoon nageenya kun waggaaf ka deemaa jiru yoo tahu mootummaan nagaa kabachiisuuf yoo socho’u, warri hidhate ammoo ‘tarkaanfii fudhannee’ maqaa jedhuun jiraattonni gidduutti miidhamaa jiraachuu gabaasa keenya kanaan duraan irratti gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Your browser doesn’t support HTML5
Ogeessonni gama qorannaa dhimma nageenyaa akkasumas ka siyaasaa mootummaan rakkoo keessumaa kibbaa fi lixa Oromiyaatti jiraattotarraan balaa dhaqqabsiisaa jiru kana furmaata yoo itti hin godhin akkuma biyyaattuu rakkoo nageenyaa guddaaa keessa ‘nu’ buusaa jedhu.
Kumaa Beqqelee Yuuniversitii Finfinnee Giddugala Qorannoo Nagaa fi Dhimma Nageenyaatti barataa Dooktereet Digrii waggaa afraffaati. Kumaan, Itiyoophiyaan amma akkuma biyyaatti rakkoo nageenyaa wal xaxaa keessa jirtii erga jedheen booda warri hidhatee naannoo kana keessa socho’u ummata ‘rraan gaagaa’ama geessisaa jira jedhe.
Garuu mootummaan akka qaama biyya tokko keessatti seera kabachiisuu qabuutti utuu socho’uu qabuu, dabalataanis‘cehumsa biyyattiin keessa jirtu’ gaggeessas jedhamus nageenya kabachiisuu dhiisee waan xiyyeeffannoo ammaaf hin barbaachifnerratti yeroo isaa gubaa jiraa jechuun qeeqa. Kunis biyyattii keessa fedha adda addaa ka qaban humnootni hedduun waan jiraniif furmaata rakkoo kanaa ittuu wal xaxaa gochaa adeemee jedhe Kumaan. Rakkoon jiru bu’urri isaa siyaasa waan ta’eef amma keessattuu lixaa fi kibba Oromiyaatti humni jiru kamtu kam akka tahe adda baasuun rakkisaa ta’uus dubbate.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa lixaa fi kibba Oromiyaatti nageenya kabachiisuuf, darbees warra hidhatee naannoo kana keessa socho’u waliin nagaa buusuuf waan irraa eegamu raawwateeraa gaaffii jedhus Kumaan gaafatamee ture.
Yeroo gaaffii kanaaf deebii kennu ‘mootummaan seera kabachiisuuf tooftaa ‘humnaa’ gargaaramuun ummata biratti muffii uumuu dubbate. Silaa akka ummata naannocha keessa jiraatuutti mootummaan wanna mara mariidhaan xumuruu qaba ture jechaan yaada qabus kaa’e.
Yeroo adda addaa mootummaa fi qaamoleen maqaa WBO’n socho’an araara buusuuf walii galanus, walii galteen isaanii dhugaa fi wal amantaarratti kan hundaa’e waan hin taaneef haga yoonaa nagaan hin bu’in hafes jedhe. Hidhattoonni akka galan waamamanus, ‘mootummaan warra gale akkaataan inni itti qabe, wal amantaa silayyuu rakkoo qabu ittuu itti caalchisee araarri kun fala dhabe’ jechuun dabalee dubbate.
Dhimmuma kanarratti yaada isaanii ka VOA’f kennan Dookter Solomoon Meriib. Dookter Solomoon Yuuniversitii Finfinnee Caffee Araaraa tti, Barsiisaa Saayinsii Siyaasaati. Isaanis bu’urri rakkoo kanaa ka’umsa siyaasaa qabaa erga jedhaniin booda araara siyaasa keessatti wal amantaan jiraachuu akka qabu, qaamoleen walitti araaran, ka walitti araarsanis qophii gahaa gochuu qabuu jechuun dubbatan.
Rakkoon nageenyaa kun akka ogeeyyonni lameen jedhanitti, ka’umsi isaa isaa gaaffii siyaasaa kan qabuudha; kanaaf mootummaan dursa seera kabachiisuu moo gaaffii siyaasaa jiruuf deebii kennuu qabaa jechaan Dokter Solomoon gaafatamanii yoo deebisan ‘mootummaan gaaffii siyaasaa jiruufis deebii kennaa seeras ammoo kabachiisaa waan jiru wal simsiisuu qaba’ jedhan.
‘kun olaantummaa seeraa kabachiisuu, kun rakkoo siyaasaaf furmaata barbaaduu waanti jedhu hin jiru, lameenuu osoo wal hin gatin furamuu danda’uuti qaba.’ Solomoon Meriib (Dr) Barsiisaa Saayinsii Siyaasaa Yuuniversitii Finfinnee.
Ogeeyyiin lameen kun rakkoo nageenyaa fi siyaasaa naannoo Oromiyaatti mullataa jiru kanaaf falli maali waan jedhuuf yaada mataa isaanii kaa’anii jiru. Kumaa Beqqelee barataan Dooktereet Digrii Giddugala Qorannoo Nagaa fi Dhimma Nageenyaa Yuuniversitii Finfinnee falli jiru ammas qaamoleen lameen waliin taa’anii mariyachuu qabu jedhu. Warri hidhatee jiru lola riphe loltootaa waan lolaa jiraniif mootummaan kana injifachuun akka hin dandaa’amne baree warri hidhatee socho’us, mootummaanis kanaan maree dhugaa taasisuu qabu jedhu.
Dookter Solomoon barsiisaan saayinsii siyaasaa Yuuniversitii Finfinnees wal dubbiin qaama lameen jidduutti gaggeeffamu furmaataaf murteessaadhaa jedhan. Yoo dubbatanis ‘furmaatni rakkoo nageenyaa lixaa fi kibba Oromiyaa Finfinnee jirti’ jechaan itti gaafatamummaa mootummaarra jiru akeekan.
Dabalaniis warri hidhannoon qaabsoo gaggeessu haala addunyaan keessa jirtus madaaluu akka qaban himan. Keessumaa ‘jijjiirama’ amma dhufe jedhamu kana biyyattii keessatti kan fide ummanni qabsoo akkamii gaggeessee taasisee sadarkaa kanarra akka gahe maqaa ‘WBO’n ka socho’an humnootni dhugaa siyaasaa lafa jirus quba qabaachuu qabu jedhan.
Ogeessonni lameen mareen akka Gaaddisa hooggansa Oromoo dhalachuun gaarii ta’uu himanii, garuu bu’aan isaa yeroo utuu hin gubin dhiyeenyatti mullachuu qabaa jechuun akeekani.
*Yaadni qophii kana keessatti ka’e Sagalee Ameerikaa bakka hin bu’u.