Waa’ee Traamp Irratti Raga Baatoota Dhaggeeffachuun Itti Fufee Jira

  • VOA
Prezidaantii Amerikaa aangoo irraa kaasuuf qorannaa gaggeeffamaa jiruun Koreen tika nagaa kan mana maree Yunaaytid Isteetes Kibxata har’a raga baatoota dhaggeefataa jira.

Isaaniis aangawoota tika nagaa biyooleessaaf kanneen gargaartoota ta’an akkasumas baatii Adooleessa darbee keessa Traamp fi giti isaanii kan Yukreen bilbilaan maal akka dubbatan kanneen dhaggeeffatan ta’u ibsamee jira.

Itti aanaa prezidaantii Yunaaytid Isteetes kan Maayik Pensiif gargaartu ka ta’an Jennefer Williyaams akkasumas kawunsilii nageenya biyooleessaa keessatti hayyuu waa’ee Yukreen kan ta’an Letenaa Koloneel Aleeksaander Vindman har’a waaree dura seera tumtoota duratti akka raga ba’an karoorfamee jira.

Lameenuu waa’ee haasawaa bilbilaan dubbatamee Sana irraa yaaddoo akka qaban ibsanii jiran.Har’uuma waaree boodas kanneen biroon dhiyaatanii raga ba’uuf jiran.