Miseensonni Waraana Ameerikaa Afgaanistaan Keessatti Lubbuun Darbe

  • VOA

Faayilii - Helikooptera Yunaaytid Isteetis, Afgaanistan

Miseensonni isaa lama balaa hilikoopteraa Afgaanistaan keessatti dhaqqabeen du’uu waraanni Yunaayitid Isteetis beeksisee jra.

Sababaan balaa kanaa qoratamaa jira, garuu gabaasi duraanii balaan sun dhukaasa diina biraa dhukaafameen akka hin ta’in ibsameera.

Balaan dhiyeenya dhaqqabe lakkoobsa loltoota Ameerikaa waraanaan kan wal qabateen Afgaanistan keessatti du’anii 18 ga’ee jidra.

Gara ganamaa lootee seentonni Talibaan helikooptera Yunaaytid Isteetis Afgaanistan gama bahaa konyaa Loogaar keessatti dha’ee kufisuu dubbatee.

Dubbi himaan Talibaan helikoopterri sun maadhee isaa ka naannoo jiru weeraruuf ergame jedhee jira.

Balaa boodanaa ta’uuf dhiisuu garuu hin mikanoofne.