Sirna deemsa araaraa kana keessatti haadhotii fi hoogganoonni amantii qooda guddaa gumaachuun isaanii kan himame yoo tahu, “qaamota Yunivarsitiilee giddu-gala jeeqamaa gochuuf hojjetan motummaan seeratti dhiheessuu qaba,” jedhan.
WAASHINGITAN, DIISII —
Your browser doesn’t support HTML5
Walitti-bu’insa barattoota gidduutti uumamee tureen, Yunivarsitii Wallootti barnootni torban tokkoof ka dhaabatee ture yoo tahu, eega walitti-bu’insi sun uumame irraa jalqabee kanneen miidhaman kunuunsuudhaan, kanneen yaadda’an jajjabeessuudhaan akkasumas, kanneen mooraa Yunivarsitichaa ti ala keessumsiisuudhaan akka haalli jiru nageenya duraan turetti deebi’u carraaqqiin godhamaa turuu isaa ibse – gabaasaan VOA – Masfin Arraagee Dasee irraa.
Carraaqqiin sun milkaa’ee kaleessa wal-dhabdeen barattoota gidduu kaleessa araaraan furamuu isaa dubbate.