Prezidaantii Amerikaa Irratti Raga-baatoota Dhaggeeffachuun Itti Fufee Jira

  • VOA

Prezidaantii Amerikaa Donaald Traamp seera cabsan ta’e qoratanii aangoo irraa kaasuuf qorannaan baatii lamaa gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u Demokraatonni himannaa gosa hedduu irratti dhiyeessaa jiru.

Kunis barreeffamoota qorataan addaa Robart Mueller dhiyeessan kan dabalatuu yoo ta’u kunis heera Ameriikaa kan biyyonni alaa dhimma Amerikaa keessa akka hin hinee ittisu cabsuu dha jedhamee jira.

Dhuma irratti afaan yaa’iin mana marii Yunaaytid Isteetes Nancy Pelosi fi hogganoonni Demokraatoota kanneen biroon himannaa lama irratti walii galan.Kunis aangoon gar-malee gargaaramuu kongreesa danquu kan jedhu ta’eera.Himannaa dhiyaatu babal’isuu mannaa dhiphisuu kan filatan Dimoktaatonni.

Traampiin himachuun akkasumas prezidaantii uummataan filatamee kaasuuf yaaluun deemsa Demokraatawaa biyyatti danquu dha kan jedhan Ripaablikaanoonni.kana gochuun deemsa seeraan alaati kan jedhu xinxaltoonni hangi tokko.