Haleellaan dabalataa ittisuuf Tarkaanfii Fudhanne: ministrii Ittisaa

MInistrii Ittisaa Ameerikaa Maark Esper

Humnootii Yunaaytid Isteetes irratti haleellaan dabalataa gara fuula duraatti akka hin dhaqqabne ittisuuf jecha Amerikaan dursitee tarkaanfii fudhachuuf qophooftee akka ture ministriin ittisaa Mark Esper kamiisa kaleessaa ibsanii turan.

Iraanii fi milishoonni Iraan biraa deggersa qaban humnootii Amerikaa kanneen giddu galeessa bahaa keessaa jiran irratti haleellaa dabalataa gaggeessuuf karoorfachuu isaanii mallattoon agarsiisu akka ture pentagon arguu isaa Esper ibsanii jiru.

Sana booda haalli jiru jijjiruun qopha’anii waraana maadhee fi michoota kutaa sana keessa Amerikaan qabdu oolchuuf jecha tarkaanfiin barbaachisu fudhatame jedhan.

Gareeleen Iraan biraa deggersa qaban maadhee Amerikaa Iraaq keessaa qabdu irratti baatii sadaasaa fi Muddee dabree haleellaa gaggeessanii turan.

Haleellaa kanaan lammii Amerikaa hojii kontraataa irratti bobba’ee tokko ajjeefamee humnootiin Amerikaa fi Iraaq hedduun mada’an.