Libiyaa Keessatti Boba’aa Omishuun Itti Fufuu Qaba : Embaasii Amerikaa

  • VOA

Embaasiin Amerikaa kan Libiyaa keessa jiru oomishnii boba’aa kan biyyatti keessaa akka itti fufuuf gaafatee jira.Kunis milishoonni Riphxee Looltootaa Khalifa Haftar dirree boba’aa fi ujummowwan boba’aa gurguddoo eega cufanii booda gaafatame.

Waraanni Haftar walgahiin sadarkaa addunyaatti waa’ee Libiyaa irratti dubbatu Berlin Jarmanii keessatti Dilbata dabree ituu hin jalqabamiin oomishnii boba’aa akka dhaabatu godhe.

Korporeshinii boba’aa kan Libiyaa akka jedhutti oomishnii boba’aa kun dhaabachuun ykn ujummoon cufamuun guyyaa guyyaatti Doolaara Miliyoona 55 biyyatti dhabsisee jira.

Embaasiin Amerikaa Kibxata har’a akka jedheetti oomishnii kun ittifamuun haala gargaarsa dhala namaa kan Libiyaa keessaa daran hammeessaa yaaddoo jedhu qaba.