Namoonni Daldalaa Lama Naannoo Uummattoota Kibbaatti Ajjeefamuun Gabaasame

  • VOA

Namoonni daldalaa lama magaalaa Teeppii godinaa Shaka naannoo uummattoota kibbaa keessatti ajjeefamuun gabasamee jira.

Haleellaa suukaneessaan obbolaa lama kanneen naannoo Amaaraa irraa ta’an irratti raawwate, qaama haleellaalee walitti aansuun garee hin beekamin naannoo sana keessa sosso’aniin walitti aansuun geggeessamee ti jechuu dhaan jidraattonnii fi angawoonni naannoo VOAf ibsaniiru.

Reeffi obbolaa lamaanii Goojjamitti ergamuun sirna awwaalcha isaanii raawwatamee jira jedha Yonaattan Zebdiyoos Hawaasaa irraa.