FINFINNEE —
Naannoo Oromiyaa, godinaa Shawaa Kaabaa, annaa Wacaaletti manni barnoota sadarkaa lammaffaa waajjirri giftii dure Itiyoophiyaa ijaarsise har'a eebbifame jira.
Sirna eebba mana barumsaa “Ifa Salaalee” jedhame kana irratti Gifti-dureen Itiyoophiyaa, Aadde Zinnaash Taayyachew, maallaqni manni barnootichaa ittiin ijaarrame baajeta mootummaatiin otuu hin taane gargaarsa biyyoota adda addaa irraa walitti-qabaniin waan taheef, akka qabeenya isaaniitti akka kunuunfatan, barnoota isaanittis akka fuulleffatan waamicha dhiheessan. Gabaasaa guutuu caqasaa
Your browser doesn’t support HTML5
Manni Barnootaa Waajira Giifti Duree Itiyoophiyaatiin Ijaarame Shawaa Kaabaatti Ijaarame