Meeshaan Misaayila Iraan Ittisu Akka Dhaabamuuf Ameerikaan Eeyama Iraaq Eegaa Jirti

  • VOA

(Suuraa faayilii)

Haleellaa Misaayilaa Iran Loltoota Iraaq Keessa Jiran Irraa Ittisuuf Yunaayitid Isteetis yaaliin gootu hamma angawoonni Iraaq meeshaan misaayila ittiisu biyyatti akka seenu eeyamanitti dhaabatee jira.

Ministriin ittisaa Yunaayitid Isteetis Maark Esper Pentaagonitti tuuta oduuf ibsa kennaniin Iraaq biraa eeyama eegna jdhan.

Misaayila ittisaa sana eessa akka dhaabamu irratti hojjetamuu qaba, Iraaq illee Yunaaytid Isteetis akka itti fufutuuf eeyamuu qabdi jedhan.