Amnestii Internaashinaal Oromiyaa Lixaa fi Kibbaa Keessatti Hidhaa Seeraa fi Sirnaa Hin Eegiin tu Geggeessamaa jira, Jechuun Mootummaa Qeeqe

  • VOA

Wixata dabre kana jechuun Amajjii 27, bara 2020 kan maxxansamee bahe, gabaasaan Amnestii Internaashinaal kun, miseensota rogeeyyii fi deggertoota dhaabota siyaasaa jumlaadhaan hidhuutti deebi’uun, mallattoo yaaddessaa Itiyoophiyaa keessatti mu’ate – jedha.

“Baatii Amajjii bara 2019 irraa jalqabee namoota jumlaadhaan qabanii hidhuu tu naannoolee kana ture. Fulbaanaa fi Onkoloolessaa dabre xiqqoo gab jedhee ture. Amma immoo kan deebi’ee ka’e fakkaata. Gujii Lixaa keessaa yoo xiqqaate namoota 75 tu hidhame, Horroo Guduruu keessattis namoota 35, Gujii Bahaa keessattis akkasuma namoonni hidhamuu dhageenyee jirra,” jedhu - dhaabbatichatti, qorataan mirga dhala-namaa Gaanfa Afrikaa, Fissahaa Teklee.

Mootumaan immoo gama isaatiin, “kanneen akkaataa kabajaa namoomaa xiqqeessutti mirga namoomaa cabsan irratti mootummaan akka tarkaanfii fudhatu jajjabeessuu irra, “maaliif tarkaanfii fudhate” jechuun kan nama gaddisu, jedha.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Amnestii Internaashinaal Oromiyaa Lixaa fi Kibbaa Keessatti Hidhaa Seeraa fi Sirnaa Hin Eegiin tu Geggeessamaa jira, Jechuun Mootummaa Qeeqe