Nageenyi Magaalaa Teeppii Bakkatti Deebi’aa Jira: Angawaa Naannoo

  • VOA

Kamisa darbe torban darbe naannoo kibbaa Sheekkaa magaalaa Teeppii keessatti humnootii hidhatanii fi shakkamtota yakkamtootaa gidduutti walitti bu’iinsa uumame jedhameen miseensi poolisii tokko ajjeefamuu isaa fi poolisiinis tasgabbeessuuf tarkaanfii fudhateen namoonni ja’a lubbuun isaanii darbuu waajjirri nagaa fi nageenya naannoo sanaa mirkaneessee jira.

Magaalattiinis hanga tokko tasgabbaa’uu itti gaafatamaan waajjirichaa VOAf ibsaniiru.

Jiraattonni magaalattii gama isaaniin fooya’inni jiraatus uummati amma iyyuu yaaddoon kan jiraatu ta’uu fi magaalattii dhiisanii kan ba’an jiraachuu illee dubbataniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Nageenyi Magaalaa Teeppii Bakkatti Deebi’aa Jira: Angawaa Naannoo